Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Oromiyaatti Ayyaanaa Hiikaa sababeeffachuun deeggarsi harka qalleeyyiif taasifamaa jira

Finfinnee, Eebila 9, 2012 (FBC) – Magaalotaa fi aanaalee Oromiyaa garaagaraatti Ayyaana Hiikaa sababeeffachuun namoota harka qalleeyyiif deegarsi taasifamaa jiraachuu himameera.
 
Godina Gujii magaalaa Nageelleetti Ayyaanaa Hiikaa sababeeffachuun namoota harka qalleeyyiiif deeggarsi taasifameera.
 
Namoota kanneeniif Zaytiin, lukkuu fi hanqaaquun ayyaana hiikaa ittiin kabajatan laattameefira.
Magaala Walisoottis harka qalleeyyiif Waldaaleen dargaggoota magaalaa Walisoo fi Yuuniyeeniin waldaa qonnaan bultoota Walisoo Liiban meeshaalee qulqullinaa, nyaata fi maallaqa arjoomaniiru.
 
Godina shawaa Kaabaa aanaa Jiddaattis hordoftonni amantaa garaagaraa Daakuu, Zayta,Qullubbii,meeshaalee qulqullinaa fi maallaqa harka qalleeyyiif arjoomaniiru.
 
Godina Shawaa Kibba Lixaa aanaa Toleettis maatii harka qalleeyyiif deeggarsi taasifameera.
Oduma walfakkaatuun godina Shawaa Kaabaa aanaa Dabra Libaanoossiittis namoota harka qalleeyyiif deeggarsi midhaan nyaata fi meeshalee qulqullinaa taasifameera.
 
Aanichatti Ayyaanna Hiikaa sababeeffachuun namoota Harka qalleeyyii 100 ta’aniif deeggarsi daakuu, Zaytaa, meeshaalee qulqullinaa, mi’eessituuwwanii fi maallaqaa taasifameera.
 
Akka wajjiraaleen dhimmoota koominikeeshinii mootummaa magaalotaa fi aanaalee kanneenii ibsanitti deeggarsi eegalame cimee itti fufa jedhame.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.