Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Oromiyaatti  aduu tokkootti biqiltuun miiliyoonni dhibba 3 fi miiliyoonni 4 dhaabbachuufi

Finfinnee, Adoolessa 17, 2012 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti Adoolessa 22, 2012 guyyaa tokkootti biqiltuu miiliyoona dhibba 3 fi miiliyoona 4 dhaabuuf qophiin taasifamuu himameera.
 
Raawwii hojii Ashaaraa Magariisaa bara 2012 fi duula dhaabbii biqiltuu Adoolessa 22 ilaalchisee koreen teeknikaa Ashaaraa Magariisaa Oromiyaa ibsa laatera.
 
Ashaaraa magariisaa bara kanaan akka Oromiyaatti biqiltuu biiliyoona 3.2 dhaabuuf karoorfame keessaa biiliyoonni 2.2 dhaabbachuu korichi ibsa isaan eereera.
 
Raawwii hanga ammaatti jiruun karoorichi %70 galma ga’uu Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaatti itti aanaa Hogganaa fi itti gaafatamaan damee qabeenya uumamaa obbo Indaalkaachoo Tafarii ibsaniiru.
 
Dhaabbii biqiltuu kanarratti lammiileen miiliyoonni 6.6 hirmaachuu himaniiru.
 
Akka naannoo Oromiyaatti Adooleessa 22, 2012 aduu tokkotti magaalaa fi baadiyyaatti biqiltuu miiliyoona dhibba 3 fi miiliyoona 4 dhaabuuf karoorfamuu obbo Indaalchoon himaniiru.
 
Yeroo ammaas aanaalee 290 fi magaaloota 19 keessatti qophii ga’aan taasifameera jedhan.
 
Akka Biiroon Dhimmoota Koomiiniikeeshinii Oromiyaa beeksiseetti,muuxannoo bara darbeerraa barachuun bu’aa caaluu galmeessuuf aduu tokkotti biqiltuu hedduu dhaabuuf qophiin barbaachisuu taasiifameera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.