Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Oromiyaaattii waggoottan shanan itti aanan keessatti oomisha Bunaarraa argamu dachaan dabaluuf hojjatamaa jira – Obbo Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Gurraandhala 5, 2014 (FBC) – Naannoo Oromiyaaattii waggoottan shanan itti aanan keessatti oomisha Bunaarraa argamu dachaan dabaluuf hojjatamaa jiraachuu obbo Shimallis Abdiisaan ibsaniinru

Preezdaantiin naannoo Oroomiyaa obbo Shimmalli Abdiisaan guyyaa har’aa godina Jimmaa aanaa Geeraatti, gareen Muummee Ministiraa FDRI Abiy Ahimadiin durfamu wayita maasii Bunaa daawwateetti hojii damichaan hojjatamaa jiru ilaalchisee ibsa godhaniiru.

Kanaanis, hanga ammaatti Bunni dulloome miiliyoona 1.3 gamashamuusaatii fi Bunni haaraan biiliyoonni 2.9 dhaabbachuu himaniiru.

Kana males, lafa heektaara kuma dhibba 2 dura oomishaan Bunaan uwwifameen dabalatti, lafa hektaara kuma dhibba 6 irratti Bunni haaraan dhaabbachuu preezdaant Shimallis dubbataniiru.

Kunis, oomisha Bunarraa argamu dachaan dabaluuf ni gargaara jedhan.

Walitti hidhaamiinsa gabaa uumuuf mootummaan naannichaa xiyyeeffannoo olaanaa hojjataa jiraachuus kaasaniiru.

Muktaar Xahaatu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.