Naannoon Oromiyaa naannolee ollaa waliin walitti dhufeenyaan nageenya waaraa mirkaneessuuf hojjecha jira-BDHKMNO
Finfinnee, Gurraandhala 7, 2014 (FBC)- Mootummaan Naannoo Oromiyaa naannolee ollaa waliin walitti dhufeenyaa fi hariiroo Ummataa cimsuun nageenya waaraa mirkaneessuuf hojjechaa jiraachuu Biiroon Dhimmoota Koominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa beeksiseera.
Biiroon kun haala waliigalaa Naannoo Oromiyaa fi hojiilee gurguddoo naannichatti hojjetaman irratti miidiyaaleef ibsa kenneera.
Ibsicha hoogganaa Biiroo Koominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaatu kenne.
Waggoota 4’n dura walitti dhufeenyaa fi hariiroon naannolee giddu ture laafaa ta’uu fi wal shakkiin akka ture eeruu, jijjiiramaa as hojiin walitti dhufeenyaa fi hariiroo uummataa cimsuu hojjetamaa jiraachuu dubbatan.
Yeroo ammaa kanas Mootummaan Naannoo Oromiyaa hojiilee gurguddoo afur irratti xiyyeeffachuun hojjechaa jiraachuu himan.
Hojiilee kunniinis naannolee daangaa Oromiyaa bu’uuraalee misoomaan walitti hidhuun diinagdeen utubuu,Aadaa, Afaanii fi miidiyaan duudhaawwaan obbolummaa dagaagsan hojjetamuu eeruun, akka fakkeenyaatti OBN Afaanoota 17’n hawaasa tajaajilaa jiraachuu fi gama barnootaatiin manneen barnootaa Ifa Boruu naannolee ollaa keessaatti ijaaramaa jiraachuu obbo Haayiluun ibsaniiru.
Gama nageenyaatiinis naannolee waliin walitti dhufeenyaan hojjetamaa jiraachuu eeran.
Jilli preezdaantii Mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan durfamus, naannolee Somaalee,Affaar,Amaaraa fi Beenishaangul Gumuzitti lammiilee hongeen miidhamanii fi rakkoo nageenyaan miidhaman dandamachiisuuf deeggarsa taasisuu himuusaanii ragaan waajjira preezdaantiin naannichaarra argame ni muul’dhisa.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.