Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Oromiyaa Godinaalee garaagaraatti hirirri mormii gaggeeffameera

Finfinnee, Onkololeessa 12, 2015 (FBC)-Guyyaa har’aa guutuuu biyyattiitti hiriirri mormii giddu seentummaa biyyoota alaa mormuuf gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u, Naannoo Oromiyaa magaalota godinaalee garaagraatti hiriirichi gaggeeffameera.

Haaluma kanaan Godina Shawaa Lixaa Magaalaa Amboo, Godina shawaa Bahaa Magaalaa Adaamaa, Godina Jimmaa, Godian Arsii magaalaa Asallaa, Godina Arsii Lixaa Magaalaa Shaashamanneetti hiriirichi dhaadannoo “Itoophiyaaf nan dhaabbadha, sagalee koo nan dhageessisa’ jedhuun gaggeeffamaa jira.

Hiriira kana irratti kutaaleen hawaasaa garaa garaa kumaatamatti lakkaa’aman fedhiifi kaka’umsa mataa isaaniitiin gara Istaadiyeemiitti ba’uun sochii mootummaan Itoophiyaa birmadummaa Itoophiyaa kabachiisuuf taasisu cina akka dhaabbatan akkasumas RIB’f deeggarsa taasisan cimsanii akka itti fufan ibsaa jiru.

Kana malees, Godina Baalee Bahaa Magaalaa Gindhiiritti hiriirri mormii humnoota alaa birmadummaa biyyaa sarbuuf deemanii fi Shoroorkeessaa TPLF balaalefatu gaggeeffameera.

Hiriiricha irratti qaamoleen hawaasaa gara garaa kan hirmaatan yoo ta’u “Maqaa deeggarsaatiin dhibbaan biyya keenyarratti taasiifamu kamuu nurraa haa dhaabbatu; TPLF diina keenya; Ummatni Tigiraayi obbolaa keenya” ergaawwan jedhan dabarfamaniiru.

Hiriricha irratti Bulchaan Godina Baalee Obbo Isheetuu Baqqalaan Itiyoophiyaan biyya dinaaf jilbeenfatte hinbeekne ta’uu yaadachisuun dhaloonni ammas birmadummaa biyyaa kabachiisuuf tokkummaan dhaabachuu akka qabu dhaamaniiru.

Akkasumas Jiraattotni Magaalaa Naqamteefi Godina Wallagga Bahaa hiriira mormii fi balaaleffannaa giddu seenummaa biyyoota alaa, garee TPLF ergamtoota isaanii akkasumas deggersa Raayyaa Ittisa Biyyaaf qaban “Dhaadannoo Itoophiyaaf Nan dhaabadha, sagalee koo Nan dhageessisa” jedhuun gaggeessaniru.

Yaaddessaa Geetaachoo, Gammachuu Beekumaa, Abdurramaan Mahaammad, Jamaal Kadiroo, Muluu Waaqshuumee, Galaanaa Tasfaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.