Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Oromiyaa bakkeewwan hongeen miidhamanitti barattoota kuma 700 oliif sagantaan nyaata barattoota gaggeffamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Caamsaa 19, 2014 (FBC)- Naannoo Oromiyaa bakkeewwan hongeen miidhamanitti barattoota kuma 700 oliif sagantaan nyaata barattoota gaggeffamaa jiraachuu Biiroon Barnootaa naannichaa beeksise.

Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoon, naannichatti bakkeewwan hongeen mudatetti barattoota kuma dhibba 7’f sagantaan Nyaata barattootaa gaggeeffamaa jiraachuu ibsuun, saganticha  godinaalee hunda keessatti babal’isuuf karoorfamuu ibsaniiru.

Bara barnootaa 2015tti barattoota miiliyoona 7.5’f  nyaata dhiyeessuuf qophiin taasifamaa jiraachuu dubbataniiru.

Sagantichaan kan haammataman barattoota idileen duraa fi idilee ta’uu kaasaniiru.

Barattoonni waa’ee nyaataa yaadaa qulqullina barnootaa barbaadamu milkeessuun kan hin danda’amne ta’uu eeraniiru.

Maddi:- TOI

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.