Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Kibbaatti xaa’oon kuntaalli 573 seeraan aladaddabarfamaa ture to’atame

Finfinnee, Adoolessa 21, 2015 (FBC) – Naannoo Ummattoota Kibbaatti xaa’oon biyyoo kuntaalli 573 seeraan ala daddabarfamaa ture to’atamuu ibsameera.

Xaa’oon to’atame murtoo Mana Murtii erga argatee boodaa qonnaan bultootaaf akka raabsamu taasifamaa jiraachuu ibsameera.

Naannichatti hanqina xaa’oo mudate hordofee iddoolee garaagaraatti hojmaanni seeran alummaa hedduminaan mul’achuu Daayrektarri Olaanaan Ejansii Waldaa Hojii Gamtaa Naannoo Ummattoota Kibbaa Amriiyaa Siraaj ibsaniiru.

Aanaalee Godina Guraagee, Goofaa fi Geedi’ootti xaa’oon kuntaalli 573.5 seeran ala daddabarfamaa ture shakkamtoota 6 waliin to’atamuu eeraniiru.

Yohaannis Darribootu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.