Fana: At a Speed of Life!

Kibbaatti oomishtummaarratti dhiibbaa uumamuu malu hir’isuuf, deeggarsi meeshaalee qulqullinaa ogeeyyii qonnaatif kenname

Finfinnee, Caamsaa 17, 2012 (FBC) – Naannoo Kibbaatti oomishtummaarratti dhiibbaa uumamuu malu hir’isuuf, deeggarsi meeshaalee qulqullinaa ogeeyyii qonnaatif kenname.
 
Deeggarsichi dhiibbaa weerarri vaayrasii koroonaa qaqqabsiisuu malu hir’isuu kan dandeessisu ta’uu hogganaan Biiroo Qonnaa obbo Aantanah Faqaaduun himaniiru.
 
Weerara vaayrasii koroonaa fi sababiiwwan addaddaatin hir’inni oomishaa kuntaala miiliyoona 24 mudachuu akka malu hoggantichi eeraniiru.
 
Deeggarsa meeshaalee qulqullinaa ittisa vaayrasii koroonaa kan laate dhaabbilee addaddaa naannicha keessa socho’anidha.
 
Meeshaaleen qulqullinaas ogeeyyii qonnaatif kan laataman ta’a.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.