Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Kibbaatti namoonni meeshaalee waraanaa seeraan alaa daddabarsuun shakkaman to’ataman

Finfinnee, Onkololeessa 28, 2013 (FBC) – Naannoo Kibbaa godinaalee garaagaraatti namoonni meeshaalee waraanaa seeraan alaa daddabarsuun shakkaman 7 to’atamu Komishiniin Poolisii naannichaa beeksise.
 
Guyyoota lamaan darban keessa naannoo Kibbaa godinaalee Kibba Oomoo, Kafaa, Koonsoo fi shakkootti sakkattoo tasaa gaggeeffameen Kilaash Koovii 25, Shuggixii 4 fi rasaasni hedduun to’atamuu Itti gaafatamtuun Koominiikeeshinii Komishinii Poolisii naannicha Inispeektar Itaaganyahu ibsaniiru.
 
Shakkamtoonni meeshaalee waraanaa seeraan alaa kanneen daddabarsaa turan 7 too’atamu eeraniiru.
 
Kibba Oomoo magaalaa Jiinkaatti namoonni lama dhukkubsattoota sammuu fakkaachuun yeroo socho’an too’atamuu himameera.
 
Eeruu ummattarraa argameen namoota kanneen too’achuun qorannoo gaggeeffameen Bilbiloonni 6 fi dabtaroonni herreega baankii garaagaraa 11 harkatti argamuu Inispeektar Itaaganyahu eeraniiru.
 
Qaamoolee badii garaagaraa raawwachuuf ergama fudhatanii socho’a jiran fashaleessuuf hawaasnii fi qaamoleen nageenya qindoominaan hojjechaaa jiraachuu himaniiru.
 
Hawaasni naannoo isaa xiyyeeffannoon eeggachuu akka qabu dhaamaniiru.
 
Maddi:-TOI
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
 
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.