Naannoo Kibbaatti murtee ummataa gaggeeffamuun mirgi namoomaa akka hinsarbamne KMNI ogeeyyii bobbaase
Finfinnee, Amajjii 29, 2015 (FBC)- Naannoo Kibbaatti murtee ummataa gaggeeffamuun mirgi namoomaa akka hinsarbamne hordofuuf Koomishiniin Mirga Namoomaa Ityoophiyaa ogeeyyii bobbaasuu beeksise.
Ogeeyyiin kunneen Naannoo Sabaa fi Sablammootaa Ummattootaa Kibbaatti godinaalee ja’an argaman jechuunis, Gaamoo, Walaayittaa, Goofaa, geede’oo, Koonsoo fi Oomoo Kibbaatti, akkasumas aanaalee addaa shan jechuunis Burjii, Ammaarroo, Baaskeettoo, Daraashee fi Alleetti murtee ummataa gaggeeffamuun walqabatee haala mirga namoomaa hordofu jedhameera.
Namoonni dhuunfaa fi dhaabbilee mootummaa, miseensota garee ogeeyyii mirga namoomaa bobba’aniif tumsa barbaachisaa akka taasisan koomishinichi waamicha dhiyeesseera.
Dabalataan, koomishinichi FBC’f ibsa ergeen sarbamni mirga namoomaa wayita mudatu toora bilbila tolaa 7307’n eeruu kennuun akka danda’amuu ibseera.
Koomishinichi Boordii filannoo biyyaalessaa Ityoophiyaa waliin ta’uun itti gaafatamaa isaa bahachuuf sanada waliigaltee mallatteessuun ni yaadatama.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.