Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Kibbaatti lammiileen miiliyoonni 2 ol deeggarsa ariifachiisaa barbaadu jedhame

Finfinnee, Bitootessa 5, 2015 (FBC) – Hongee muudateen walqabatee Naannoo Kibbaatti lammiileen miiliyoonni 2 ol deeggarsa midhaan nyaataa ariifachiisaa kan barbaadaan ta’uu Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa naannichaa beeksise.

Naannichatti godinaalee 5 fi aanaalee 40 keessatti hongee muudateen lammiileen miiliyoonni 2 ol hanqina midhaan nyaataa hamaaf saaximuu eerameera.

Hanga ammaatti Loon kumni 15 du’uu isaanii Komishinarri Komishinichaa Gaantaa Gaamoo’aan ibsaniiru..

Barattoonni sababa hongeen barnoota isaanii akka adda hin kunner Manneen barnootaa 329 keessatti barattoota kuma dhibba 2 fi kuma 14f sangantaan nyaataa eegalamuu eeraniiru.

Sagantaan nyaataa kun deeggarsa Sagantaa nyaataa addunyaa, dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii fi Woorlid Viizhiiniin argame ta’uu dubbataniiru.

Dabalataan haadholi fi da’immaan kuma dhibba 3 fi kuma 20f deeggarsa midhaan nyaataa taasiisuu himaniiru.

Maraa’ool Kadirii fi Sa’aadaa Geetaachotu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.