Naannoo Kibbaatti lammiilee qa’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’an deebisanii dhaabuuf hojjetama jira jedhame
Finfinnee, Caamsaa 19, 2013 (FBC) – Naannoo Kibbaatti lammiilee qa’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’an deebisanii dhaabuuf hojjetama jiraachuu Ministeerri Nageenyaa beeksiise.
Lammiilee kanneen qa’ee isaaniitti deebisuuf koreen ministeerichaan durfamu hundaa’uun gara hojiitti galuu ibsameera.
Korichi Godina Guraagee Bahaa aanaa Masqaanitti argamuun lammiileen naannichaa buqqa’an gara qa’ee isaanitti akka deebi’an karoora qophaa’eerratti hoggantoota aanichaa waliin mari’ateera.
Lammiilee kanneen deebisanii ijaaruuf hojii hojjetamaa jiru daawwateera.
Yeroo itti aanuu lammiilee kanneen deebisanii dhaabuuf koreen Teeknikaa hundaa’ee gara hojiitti galuu isaa ragaan Ministeera Nageenyaarraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.