Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Kibbaatti kana dura rakkoo nageenyaa mudateerratti hirmaataniiru kan jedhaman hoggantoonni 711 itti gaafatamummaa isaaniirra kaafaman

Finfinnee, Muddee 14, 2013 (FBC)- Naannoo Kibbaatti kana dura rakkoo nageenyaa mudateerratti hirmaataniiru kan jedhaman hoggantoonni 711 itti gaafatamummaa isaaniirra kaafamuu itti gaafatamtuun waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa naannoo Kibbaa aadde Sannaayit Solomoon beeksisa.
Aadde Sannaayit Solomoon, gamagama raawwii hojii mootummaafi paartii irratti ibsa laataniiru.
Naannichatti godinaalee Walaayitta, Koonsoo fi aanaa Gurraafardaa akkasumaas aanoolee naannichaa uummaanni gaaffiii gurmaa’insaa fi daangaa qaban humnaan deebisisuu dandeessu jechuun bakka gareen ABUT walitti bu’iinsaaf filateetti uummanni arsaa hin barbaachisne akka kaaffaluu taasisuu himaniiru.
Hawaasumman kan beekamuu fi naannoolee biroof fakkeenya kan ta’ee naannoon Kibbaa gareen gantuu ABUT hojiisaa badiif itti fayyadamaa akka ture gamaggamichaan kaasaniiru.
Rakkoo nageenyaa muudateen kallattii fi al kallattiin harka keessa qabuun kan shakkaman hoggantoonni 711 itti gaafatamummaa isaanii irraa akka kaafaman taasifameera.
Kumni1 fi 966 ammoo akekkachiisaasni irratti darbu ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii naannichaarra argame ni muul’dhisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.