Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Kibbaatti bara barnootaa darbe sababa Covid-19 barattoonni kumni dhibbi 3 barnoota adda kutuu ibsame

Finfinnee, Hagayya 24, 2013 (FBC) – Biiroon Barnootaa naannoo Kibbaa qooda fudhattoota waliin marii gaggeessaa jiraachuu himame.
Naannichatti bara barnootaa darbe sababa dhiibbaa Covid-19 galteewwan barnootaa dhiyaachuu dhabuun barattoonni kumni dhibbi 3 ol barnoota adda kutuu ibsame.
Waltajjiin hoggansa barnootaa naannoo, Godinaalee, Aanaalee fi aanaalee addaarraa walitti babba’an hirmaachise magaalaa Buttaa Jiraatti gaggeeffamaa jira jedhameera.
Kaayyoon waltajjichaa hojiilee bara barnootaa 2013 keessa raawwatame gamaaggamuun, bara barnootaa 2014 hirmaannaa qooda fudhattootaa cimsuu fi weerara Covid -19 ittisaa adeemsa baruu fi barsiisuu itti fufsiisuuf yaaddamee ta’uu Hogganaan Biiroo Barnootaa naannoo Kibbaa obb Maahee fi Booddaa ibsaniiru.
Bara barnootaa darbe hawaasa sadarkaan jiru hirmaachuun qulqullinaa fi uwwisa barnootaa guddisuuf hojii baay’een hojjetamuu eeraniiru.
Bara barnootaa 2014 keessaa karoora barnootaa haaraa hojiirra oolchuuf xiyyeeffannoo olaanaan kan hojjetamu ta’uu dubbataniiru.
Usuumaan Mahaammadiitu gabaase
Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.