Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Kibba Itiyoophiyaatti tatamsa’inni dhibee Busaa babal’achaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Adoolessa 1, 2016 (FBC) – Naannoo Kibba Itiyoophiyaatti tatamsa’inni dhibee Busaa babal’achaa jiraachuu Biiroon Fayyaa naannichaa beeksise.

Waltajjiin tatamsa’ina dhibichaa ittisuurratti xiyyeeffate magaalaa Aarbaa Mincitti gaggeeffameera.

Torbee tokko keessatti qofa namoonni kumni 14 ol dhibichaan qabamuu biirichi ibseera.

Godinaalee 9 aanaalee 33 keessatti tatamsa’inni dhibichaa dabalaa jiraachuu eerameera.

Dhibichi rakkoo diinagdee fi hawaasummaa qaqqabsiisaa jiraachuu Hogganaan Biiroo Fayyaa naannichaa Obbo Indaashaaw Shibbiruun himaniiru.

Mastawaal Asaffaa fi Mallasaa Taaddalaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.