Fana: At a Speed of Life!

Naannoo keenya balfaarraa,keessaa keenya jibbiinsarraa yaa qulqulleessinu –Aadde Adaanachi Abeebee

Finfinnee, Qaammee 1,2012 (FBC) – Itti aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanachi Abeebee addabaabayii Masqaalaatti argamuun sibiloota qarqara daandiitti argamanirratti keemikaala bifuun sosochii qulqullina magaalaa Finfinnee jalqabsiisaniiru.
 
Aadde Adaancahi,naannoo keenya balfaarraa,keessaa keenya jibbinsarraa qulqulleessuun bara haaraa afuura haaraan yaa eegallu jedhan.
 
Aadde Adaanachi Abeebee,Qaammee 1, 2012 guyyaa dhiifamaa sababeeffachuun erga dabarsaniin hawaasni keenya haaloo fi naannoo isaa balfaa irraa qulqulleessuu qaba jedhaniiru.
 
Jiraattoonni Magaalichaa dhiifama walii gochuun naannoo isaanii qulqulleessaa tokkummaadhaan bara haaraatti waliin ce’uu akka qaban dhaamsa dabarsaniiru.
 
Saganticharratti Af yaa’ii mana maree magaalaa Finfinnee aadde Abbabachi Nagaash dabalatee miseensoonni kaabinee magaalichaa fi tola ooltoonni hirmaachuu isaanii ragaa Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.