Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Harariitti tajaajilli Inshuraansii fayyaa  hawaasaa guutummaan guutuutti hojiirra ooluu ibsame

Finfinnee, Muddee 6, 2014 (FBC) – Naannoo Harariitti tajaajilli Inshuraansii fayyaa  hawaasaa guutummaan guutuutti hojiirra ooluu Boordiin Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa naannichaa  ibse.

Sosochiin galmeessaa fi haaromsa miseensota inshuraansii fayyaa hawaasaa bara baajataa 2014 gaggeeffameera.

Dameen fayyaa ergama biyyaalessaa galmaan ga’uun cinaatti Raayyaa Ittisa Biyyaa fi lammiilee waraanaan miidhamaniif deeggarsa gama maraa taasisaa jiraachuu Preezdaantiin naannichaa Oordiin Badriin saganticharratti ibsaniiru.

Gaffii fayyaa hawaasaa deebisuuf dandeettii dhaabbilee fayyaa guddisuu, humna namaa fi galteen qindeessuun tajaajila fayyaa hawaasaa akka argatan taasisuuf rakkoolee dhaabbilee fayyaa hiikuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.

Damechaan hojii bal’aan hojjetamaa jiraachuu kaasuun, aanaaleen naannichaa raawwii gaarii akka galmeesisaniif xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru.

Bu’aa argameef qaamolee dhimmi ilaallatu galateeffatniiru.

Naannichatti tajaajjilli inshuraansii fayyaa hawaasaa guutummaan guutuutti milkaa’uu fi bu’aan argame sadarkaa biyyaalessaatti akka muuxannoo gaariitti kan fudhatamu ta’uu Daayrektarri Ejensii Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa Federaalaa Fireehiwoot Abbabaa ibsaniiru.

Ittaantuun Preezdaantii naannichaa fi walitti qabduun boordii inshuraansii fayyaa hawaasaa naannicha aadde Misraa Abdallaa gamasaaniin, tajaajilicha hawaasaa hundaan ga’uuf hoggansi hundi itti gaafatamummaa fudhatee hojjechuu akka qabuu dhaamaniiru.

Damechaan qaamolee raawwii gaarii galmeessisaniif badhaasni jajjabeessituu kennamuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.