Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Harariitti sagantaan hojiilee misoomaa beeksisuu gaggeeffame

Finfinnee, Sadaasa 11, 2015 (FBC) – Pireezidaantiin Naannoo Hararii Obbo Ordiin Badriin sagantaa hojiilee misoomaa beeksisuu gaggeessan.

Sagantichi oomisha gahaa oomishuun wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu fi sirna nyaataa fooyyessuuf kan gargaaru ta’uu Obbo Ordiin ibsaniiru.

Bu’aa Ashaaraa magariisaa fi misooma Qamadiin argame misooma biroon dabaluun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Sagantaan misoomaa kun oomishaalee alaa galan kan biyya keessan bakka buusuun daldalaa alaa guddisuuf kan dandeessisu ta’uu isaan xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu hubachiisaniiru.

Sagantaa misoomaa kanaan hojiin horsiisa Kanniisaa, misooma Foonii fi aannanii, Lukkuu fi Qurxummii kan hojjetaman ta’uu Itti aantuun Pireezidaantii fi hogganaan Biiroo Qonnaa naannichaa Aadde Missiraa Abdallaan himaniiru.

Tashoomaa Hayiluutu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.