Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Harariitti sagantaan ashaaraa magariisaa bu’aa qabeesaa akka ta’uuf hoggansi kutannoon akka hojjetu waamichi dhiyaate

Finfinnee, Waxabajjii 7, 2014 (FBC) – Naannoo Harariitti sagantaan Ashaaraa Magariisaa baranaa, bu’aa qabeesaa akka ta’uuf hoggansi kutannoon akka hojjetu Preezdaantiin Naanoo Hararii Obbo Ordiin Badirii waamichz dhiyeessan.

Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bu’a qabeessa taasisuu fi milkeessuuf, koreen hundaa’ee mari’ateera.

Waltajjicharratti Preezdaantiin Naannoo Hararii Obbo Ordiin Badirii, naannichaatti barana, sagantaa ashaaraa magariisaa gaggeeffamuuf xyyeeffannaan addaa kennamee akka hojjetamuu hubachiisan.

Dabalataan, hojiilee manneen harka qalleeyyii haaromsuu fi maaddii qooddachuuf xiyyeefannaan kennamuu qaba jedhan.

Sagantaa ashaaraa magariisaan biqiltuu dhaabuu bira darbee, kunuunsuu fi akka qabatu taasisuun barbaachisaadha jedhanii, kanaafis qaamoleen dhimmichi ilaallatu qindoominaan hojjechuu kka qabu gaafataniiru.

Naannichaatti barana biqilituuwwan dhabaman keessaa %70 kanneen firiin isaanii nyaataman ta’uu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argamee ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.