Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Harariitti Qaammeen 1, Guyyaan Ce’umsaa agarsiisa daldalaa fi Baazaariin kabajamaa jira

Finfinnee, Qaammee 1, 2016 (FBC) – Naannoo Harariitti Qaammeen 1, Guyyaan Ce’umsaa mata duree ‘Hambaa Ce’umsaa, Horata Ifa Haaraa” jedhuun agarsiisa Daldalaa fi Baazaariin kabajamaa jira.

Hojiileen misoomaa naannichatti eegalaman Bara 2017 keessa caalmaatti cimanii kan itti fufan ta’uu Pireezidaantii Itti Aantuun naannichaa Aadde Roozaa Umar himaniiru.

Bara 2016 keessa misooma Koriidarii, Qulqullina Magaalaa fi Inisheetiviiwwan Damee Qonnaan bu’aa gaariin galmaa’uu dubbataniiru.

Hojiilee eegalaman ce’aa taasiisuuf hirmaannaa olaanaan ni taasiifama jedhan.

Af Yaa’ii Mana Maree naannichaa Obbo Sulxaan Abduusalaam dabalatee hoggantoonni olaanoo fi bakka buutonni hawaasa naannichaa saganticharratti argamuu ragaan Kominikeeshinii naannoo Harariirraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.