Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Harariitti nageenya naannichaa waaraan mirkaneessuuf qaamolee nageenyaa waliin qindoominaan hojjetamaa jira

Finfinnee, Muddee 15, 2014 (FBC) –Biiroon Bulchiinsaa fi Nageenyaa naannoo Hararii nageenya naannichaa waaraan mirkaneessuuf qaamolee nageenyaa waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu beeksiise.
Ergamtoota fi lootee seentoota garee shororkeessitootaa hordofuun gara seeraatti dhiyyeessuuf Raayyaa Ittisaa Ajeja Bahaa, Poolisii Federaalaa, Oromiyaa fi Kutaa hawaasaa waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu hogganaan Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa Naannoo Hararii obbo Xilahuun Waadaraa ibsaniiru.
Hojii hojjetamaa jiruunis bu’aa jajjabeessaan argamuu kaasaniiru.
Naannichatti sakattoo yeroo adda addaa taasiifameen Uffanni seeraa qaamoleen nageenyaa, Manatsirri Dirree Waraanaa, Bilbiloonni Saatalaayitii, meeshaaleen waraanaa to’annoo jala ooluu fi hojiin sakattoo ammas itti fufuu eeraniiru.
Labsii yeroo ariifachiisaa akka biyyatti labsame bu’uura taasiisuun Koreen Komaand Poostii hundaa’ee naannichatti nageenya waaraa buusuuf qaamolee kanneen waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu ragaan Raayyaa Ittisaarraa argame ni muul’isa.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.