Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Harariitti ijaarsi Proojektii Bishaan dhugaatii fi misooma jallisii Birrii miiliyoona 26 gaggeeffamu eegalame

Finfinnee, Hagayya 4, 2013 (FBC) – Preezdaantiin bulchiinsa mootummaa naannoo Hararii obbo Oordiin Badiriin ijaarsa Proojektii Bishaan Dhugaatii fi misooma jallisii Birrii miiliyoona 26 gaggeeffamu eegalchiinsaniiru.
 
Proojektoonni garaagaraa 4 eegalamuun isaanii rakkoolee bishaan dhugaatii muul’atu furuu fi proojektii misooma jallisii babal’isuuf shoora olaanaa qabaachuu obbo Oordiin ibsaniiru.
 
Proojektiin bishaan dhugaatii kun gaaffii rakkoo bishaan dhugaatii bara dheeraa jiraattoota naannichaa kan deebisu ta’uu kaasaniiru.
 
Proojektoonni eegalaman yeroo kaa’amee fi qulqullinaan raawwatamuun fayyadamummaa hawaasaa akka mirkaneessaniif xiyyeeffannoon hojjechuun murteessaa ta’uu dubbataniiru.
 
Hordoffii fi to’annoo cimaan kan taasiifamu ta’uu ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii mootummaa naannichaarraa argame ni muul’isa.
 
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
 
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
 
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.