Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Harariitti hojiileen damee tuurizimii guddisuuf hojjetamaa jiran jajjabeeffamuu qabu –Aadde Caaltuu Saanii

Finfinnee, Adoolessa 10, 2016 (FBC)-Naannoo Harariitti hojiileen damee tuurizimii guddisuuf hojjetamaa jiran jajjabeeffamuu qabu jedhan Ministirri Ministeera Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saanii.

Jilli Ministira Ministeera Magaalaa fi Bu’uuraalee Misooma Aadde Caaltuu Saanii fi Qondaaltoota Olaanoo Motummaan durfamu Magaalaa Harariitti Hambaa Idil Addunyaa Jagool,Paarkiiwwaaniifi bu’uuraalee misoomaa magaalichatti ijaaraman daawwachuu ragaan Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Aadde Caaltuun daawwannicharratti haasawaa taasisaniin, bakkeewwaan hawwataa tuurizimii naannichaa misoomsuun itti fayyadamummaa damichaa guddisuuf hojiin hojjetamaa jiru jajjabeessaa ta’uu ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo mara waan nu waliin taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.