Naannoo Harariitti guyyaan yaadannoo haleellaa ajaja kaabaarratti raawwate boru yaadatamee ni oola
Finfinnee, Onkololeessa 23, 2015(FBC)- Naannoo Harariitti guyyaan yaadannoo haleellaa ajaja kaabaarratti raawwatamee guyyaa boruu yaadatamee kan oolu ta’uu Waajjirri Kominikeeshinii naannichaa beeksise.
Itti gaafatamaan waajjirichaa Obbo Henook Mulunaah, Guyyaan haleellaa raayyaa ittisa biyyaa Ajaja Kaabaa irratti raawwatamee waggaa lammaffaan mata duree “yoomiyyuu hin irraanfannu” jedhuun guyyaa boruu naannichatti yadatamee ni oolaa jedhan.
Guyyichis Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaruun, dhiiga arjoomuun, kabajaa fi jaalala raayyaa ittisaaf ibsuuniifi sagantaalee biroon kan kabajamu ta’uu ibsaniiru.
Guyyichi manneen barnootaa, dhaabbilee mootummaa fi mit- mootummaa keessatti kan yaadatamu ta’uu dubbataniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.