Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Harariitti balaa tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 9 darbuu ibsame

Finfinnee, Guraandhala 25, 2015(FBC)- Naannoo Hararii aanaa Soofii bakka Harawee Saaltoo jedhamutti balaa tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 9 darbuu ibsame.

Balichi konkolaataa fe’umsaa magaalaa Dirree Dawaarraa gara Jigjigaatti imalaa tureen kan qaqqabe yoo ta’u fireeniin konkolaatichaa ajajamuu diduun karaarraa maqee balaa kana qaqqabsiisuu eerameera.

Balichaan lubbuun konkolaachisaafi namoota daandiirra ciisaa turan 8 darbuu poolisiin ibsuu TOI gabaaseera.

Namoonni miidhaan qaamaa cimaafi salphaan irra gahe 2 hospitaala Hiyoot Faanaatti wal’aanamaa jiraachuus ibsameera.
#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.