Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Giddugaleessaa Itiyoophiyaatti mariin mata dure ‘’Daandii Ida’amuu‘’ jedhuun gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Onkololeessa 14, 2016 (FBC) – Naannoo Giddugaleessaa Itiyoophiyaatti mariin paanaalii mata dure ‘’Daandii Ida’aamuu‘’ jedhuun Magaalaa Hoosaanaatti gaggeeffamaa jira.

Maricharratti Miseensoota Manaa Maree Bakka Bu’oota Uummataa dabalatee qondaaltoonni olaanoon naannoo fi federaalaa biroon argamaniiru.

Pireezidaantiin Naannoo Giddugaleessaa Itiyoophiyaa Obbo Indaashaaw Xaasawu haasawaa taasisaniin, naannichi qabeenyaa uumaama, qonnaa fi invastimantiif mijataa ta’uu fi Finfinneetti dhihoo ta’uu isheen carrawwaan baay’een jiraachuu Obbo Indaashaawu eeraaniiru.

Mariicharratti qorannoowwaan garaagaraa hayyootaan dhiyaachuun irratti mari’atamaa jiraachuu n eerameera.

Saamu’eel Warqaayyootu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.