Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaatti mariin ajandaa walitti qabuu xumurame

Finfinnee, Hagayya 30, 2016(FBC)- Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaatti adeemsi ajandaa walitti qabuu xumuramuu Komishiniin Marii Biyyaalessaa beeksise.

Hirmaattonni marichaa ajandaalee walitti qaban komishinichaaf dhiyeessaniiru.

Komishinarri Komishiiniichaa Dooktar Yoonaas Adaayeen, mariin hundumaa injifataa kan taasisudha jedhan.

Dhimmoota walfalmisiisoo biyyattiitti mul’ataniif furmaata waaraa fiduuf mariin barbaachisaadha jedhaniiru.

Milkaa’ina ajandaa walitti qabuu keessatti qaamolee gahee isaanii bahatan galateffachuu ragaan komishinicharraa argame ni mul’isa.

Mariachi Hagayya 25, 2016 eegalee kutaalee hawaasaa fi qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin gaggeessaa turuu kan yaadatamuudha.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.