Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Gambeellaatti sagantaan foyya’iinsa fayyaa haadholii fi daa’immanii Gamtaa Awurooppaan deeggaramu eegalame

Finfinnee, Gurraandhala 9, 2014 (FBC) – Naannoo Gambeellaatti sagantaan foyya’iinsa fayyaa haadholii fi daa’immanii deeggarsa Maallaqa Gamtaa Awurooppaan hojiirra oolu ifatti eegalame

Sagantichi mata duree “walqixxummaa koorniyaa kutannoo fayyaa hawaasaaf” jedhuun aanaalee naannichaa afur keessatti hojiirra kan oolu ta’uu ibsameera.

Preezdaantiin naannichaa obbo Uumad Ujuluun saganticharratti argamuun haasaa taasisaniin fayyadamummaa tajaajila fayyaa hawaasaa fooyyessuuf qaamolee mootummaa fi miti mootummaa waliin hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.

Du’aa fi dhukkuba haadholii fi daa’immanii hir’isuuf manaa hanga mana barnootaatti akkaataa umuriisaaniin sirna soorataa isaan barbaachisu akka hordofaniif barsiisuu fi hordoffii taasisuun dhaloota egeree qaamaa fi sammuun cime oomishuuf hundi ga’ee isaa ba’achuu qaba jedhaniiru.

Waggoota sadiif baajatni Birrii miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 68 qabamee sirna soorataarratti hojjetamaa jiraachuu qindeessaan Proojektichaa Dooktar Ujuluu Ujuluun eeruu isaanii ragaan Prees Seekretariyaatii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.