Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Gambeellaa aanaa addaa Itaangitti meeshaan waraanaa seeraan aalaa too’atame

Finfinnee, Amajjii 12, 2013 (FBC ) –Naannoo Gambeellaa aanaa addaa Itaangitti meeshaan waraanaa seeraan aalaa too’atame.
Naannoo Gambeellaa Aanaa addaa Itaangitti namni meeshaa waraanaa seeraan alaa otuu daddabarsuu argame too’atamuu poolisiin beeksise.
Komishinarri Poolisii naannichaa Komaandar Umaan Ugaalaa TOItti akka ibsanitti Shakkamaan kun kan too’atame aanaa Waantawaat gara Aanaa addaa Itaangitti meeshaa waraanaa baate dabarsuuf otuu jiruuti.
Meeshaaleen waraanaa kunneen qawwee kilaashkoovii 7 ta’uu himameera.
Wayita ammaa namni kun too’atamuun hojiin qorannoo dabalataa akka xumurameen dhimmisaa mana murtiif ni ergama jedhameera.
Naannichaatti baatii jahan darbanitti daddabarsa meeshaa waraanaa seeraa alaa to’achuuf tattaaffii taasifameen qawwee kilaashkoovii 352, rasaasa garagaraa kuma 1 fi 870 too’atamuu Komaandar Umaan Ugaalaa beeksisaniiru.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.