Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Gaambeellatti Murtoo fi kallattii Yaa’ii Paartii Badhaadhinaa 1ffaa fi haala yeroorratti mariin gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Bitootessa 14, 2014 (FBC) – Naannoo Gaambeellatti Murtoo fi kallattii Yaa’ii Paartii Badhaadhinaa 1ffaa fi haala yeroorratti mariin hawaasa Godina Anyuwaak aanaa Abboobboo waliin gaggeeffamaa jira.
Marii kanarratti Af Yaa’iin Mana Maree naannichaa Aadde Baanchayehu Diingataa dabalatee hoggantoonni mootummaa biroo argamaniiru.
Yaa’iin kun murtoo fi kallattii Yaa’iin Paartii Badhaadhinaa jalqabaa dabarse ummata hubachiisuu fi raawwii isaaf qooda kan qabu ta’uu Aadde Baanchayehu Diingataan ibsaniiru.
Paartiin Badhaadhinaa hawaasa hiyyuummaa keessaa baasuuf hojjechaa jiraachuu eeraniiru.
Fayyadamummaa haqa qabeessaa fi hirmaachisaa ta’e mirkaneessuuf Paartiin Badhaadhinaa murannoon hojjechaa jiraachuu bulchaan godina Anyuwaak obbo Uboong Ujuluun ibsaniiru.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.