Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Gaambeellaatti qorannoon vaayrasii koroonaa eegalame

Finfinnee, Caamsaa 19, 2012 (FBC) –Naannoo Gambeellaatti guyyaatti saamudaa vaayrasii koroonaa namoota 180 gaggeessuuf hojiin eegalame.
 
Preezdaantiin naannichaa Obbo Umood Ujuluun, Ityoophiyaatti erga weerarri vaayrasii koroonaa muul’atee jalqabee hojiin vaayrasicha ittisuu fi to’aachuu xiyyeeffannoon hojjetamaa turuusaa himaniiru.
 
Naannichaatti buufanni godaantootaa hedduun kan argamuu fi Sudaan Kibbaan bal’inaan kan wal daangeessan waan ta’eef qorannaa vaayrasii koroonaa gaggeessuuf hojii bal’aan hojjetamaa turu ibsaniiru.
 
Mootummaan naannichaa tatamsa’ina vaayrasichaa ittisuu fi to’achuuf xiyyeeffannoo kennee hojjechaa akka jiru himaniiru.
 
Hogganaan Biiroo Eeggumsa Fayyaa naannichaa Obbo Kaan Gaatluwaak gamasaaniin mootummaan naannichaa Ministeera Fayyaa fi Inistiityuutii Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa waliin ta’uun, meeshinoota qorannoo HIV Eedisiif tajaajilaa turan Sooft weerii haaraa irratti fe’uun qorannoo vaayrasii koroonaaf akka oolu taasifamuu isaa ibsaniiru.
 
Godaantoonni weerara vaayrasichaan akka hin saaxilamneef dhaabbilee mit mootummaa naannichatti argaman waliin ta’uun qorannoo taasisuuf qophiin xumuramuu himaniiru.
 
Hojiin qorannoo naannichaatti eegaluun isaa dhamaatii fi baasii kana dura ture kan hambisu ta’uu himameera.
 
Lammiilee naannichatti iddoo tursa dirqii keessa jiraniif dhiyeenyatti tajaajila laachuuf shoora olaanaa qabaachuu isaa ragaan Waajjira Seekreetaariyaat Preesii naannichaarraa argame ni muul’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.