Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Gaambeellaatti manneen barnootaa deeggarsa barbaadaniif deeggarsi Birrii miiliyoona 39 taasiifame

Finfinnee, Onkololeessa 26, 2016 (FBC) – Dhaabbata mootummoota Gamtoomaniitti Dhaabbanni deeggarsa daa’immannii naannoo Gaambeellaatti manneen barnootaa deeggarsa barbaadaniif deeggarsi Birrii miiliyoona 39.5 taasiseera.

Birriin miiliyoonni 12.5 meeshaalee barnootaa barattoota kuma 20 ol fayyadamoo taasiisan dhiyeessuuf kan oolu ta’uu dhaabbatichatti itti waamamtuun damee Gaambeellaa Kiristiin Hakoonziin ibsaniiru.

Birriin miiliyoonni 27 ammoo Manneen Barnootaa sababoota garaagaraan miidhaan irra qaqqabeef kutaalee barnootaa ijaaruu fi ijaarsa dandeettii barsiisootaaf kan oolu ta’uu kaasaniiru.

Itti Aanaa Hogganaan Biiroo Barnootaa naannichaa Obbo Paal Kaawiich,deeggarsa Yuuniiseef damee barnootaa naannichaaf taasiise galateeffataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.