Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Gaambeellaatti boruu eegalee sa’aatii hojii Mootummaarratti jijjiiramni ni taasiifama jedhame

Finfinnee, Amajjii 30, 2016 (FBC) – Naannoo Gaambeellaatti hoo’iinsi dabalaa dhufuu hordofee boruu eegalee sa’aatii hojii Mootummaarratti jijjiiramni kan taasiifamu ta’uu Manni Maree Bulchiinsa naannicha beeksise.

Hammi hoo’insaa dabalaa dhufuu hordofee Guraandhala 1, 2016 eegalee baatiwwan sadan itti aananiif sa’aatiin hojii kan jijjiiramu ta’uu Itti Gaafatamaan Waajjira Pireezidaantii naannichaa Obbo Piitar Hoow ibsaniiru.

Haaluma kanaan sa’aatiin hojii idilee ganama sa’aatii 1:30 hanga sa’aatii 6:30 kan ture, boru eegalee ganama sa’aatii 1:00 hanga sa’aatii 5:00 ta’a jedhaniiru.

Waaree booda sa’aatii 9:00 – 11:30 kan ture sa’aatii 10:00 – 12:30tti jijjiiramuu ibsaniiru.

Fooyya’iinsi sa’aatii kun Godina Maajangiitti aanaalee Godarree fi Mangashii kan hin ilaallanne ta’uu eeraniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.