Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Gaambeellaatti Boba’aan liitirri kumni 15 mana nama dhuunfaa keessatti kuufamee ture to’atame

Finfinnee, Adoolessa 6, 2014 (FBC) – Naannoo Gaambeellaatti Boba’aan liitirri kumni 15 seeraan ala mana nama dhuunfaa keessatti kuufamee ture to’atamuu Biiroon Daldalaa fi Indaastirii naannichaa beeksiiseera.
Naannichatti boba’aa seeraan ala daddabarfamu fayyadamtootarratti dhiibbaa uumuu ibsameera.
Yakka daddabarsa seeraan alaa kana ittisuuf koreen miseensota 22 of keessatti hammate hundaa’uun gara hojiitti galamuu himameera.
Korichi Sakattoo tasaa magaalaa Gaambeellatti taasiiseen boba’aa liitira kuma 15 seeraan ala mana nama dhuunfaa keessatti kuufamee ture to’achuu ibseera.
Boba’aan kun Kuusaa boba’aa kamirraa akka waraabbame qoratamaa jiraachuu TOI gabaaseera.
Hojiirra oolu qajeelfama raabsa boba’aa haaraa hordofee qaamolee boba’aa seeraan ala daddabarsan baayya’achaa jiraachuu eerameera.
Yakkoota Boba’aan walqabatanii hojjetaman ittisuuf qaamoleen nageenyaa fi Uummanni tumsaan hojjechuu akka qaban Itti aanaa Hogganaan Biiroo Daldalaa fi Indaastirii naannichaa Obbo Ookeeloo Uuboong waamicha dhiyeessaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.