Naannoo Gaambeellaatti Aduu tokkotti biqiltuun miiliyoonni 3 ni dhaabamuu –Obbo Umood Ujuluu
Finfinnee, Adoolessa 5, 2015 (FBC) –Naannoo Gaambeellatti Aduu tokkotti biqiltuu miiliyoona 3 dhaabuuf qophiin xumuramuu Pireezidaantii Naannoo Gaambeellaa Obbo Umood Ujuluun ibsaniiru.
Sagantaa Ashaara magariisa marsaa 2ffaarratti hawaasni naannicha hirmaannaa isaa cimsu akka qaban Obbo Umood Ujuluun waamicha dhiyeessaniiru.
Haaluma kaanaan hanga ammaatti boollii miiliyoonni 2.5 qophaa’uu eeruun, guyyoota hafanittis qophiin boolla biqiltuu qopheessuu kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.
Naannichatti Aduu tokkon biqiltuwwaan gosa garaagaraa miiliyoona 3 dhaabuuf haaldureen xumuramuu TOI gabaaseera.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.