Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Daangaa Sudaan Kibbaatti walitti bu’iinsa uumameen lammiileen kumni 9 fi 500 buqqa’an

Finfinnee, Bitootessa 4, 2014 (FBC) – Naannoo Daangaa Gaambeellaa fi Sudaan Kibbaatti walitti bu’iinsa uumameen jiraattoonni naannoo Gaambeellaa kumni 9 fi 500 ol qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’uu ibsameera.

Sababa walitti bu’iinsichaan lubbuun nama tokkoo wayita darbu, namoota 6 irra miidhaan qaqqabuu mootummaan naannoo Gaambeellaa beeksiiseera.

Hidhattootti kunneen Alaabaa Ityoophiyaa fi naannichaaa, akkasumas qabeenya saamuu isaanii eerameera.

Loltoota Sudaan Kibbaa SLMLO fi mootummaa Sudaan Kibbaa gidduutti tibbana walitti bu’iinsi uumamuu Waajjirri Seekreetariyaat Preesii naannoo Gaambeellaa ibseera.

Hidhattoonni Sudaan Kibbaa walitti bu’iinsa uumameen daangaa ce’een naannoo Gaambeellatti lubbuu namaa fi qabeenyarra miidhaa qaqqabsiisuu ibsameera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.