Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Beenishaanguul Gumuzitti sosochiin fooyya’iinsa bu’uraalee misooma barnootaa eegalame

Finfinnee, Adoolessa 11, 2015 (FBC) – Naannoo Beenishaanguul Gumuzitti sosochiin fooyya’iinsa bu’uraalee misooma barnootaa mata duree ‘Barnoonni dhalootaaf’ jedhuun eegalameera.

Pireezidaantiin naannichaa Obbo Ashaadilii Hasanii fi Ministirri Ministeera Barnootaa Piroofeesar Birihaanuu Naggaan qooda fudhattoota waliin sosochicha eegalchiisaniiru.

Naannichatti manneen barnootaa 287 sababa walitti bu’iinsaan kan miidhaman yoo ta’uu, 196 guutumaan guutuutti barbadaa’uu Obbo Ashaadiliin himaniiru.

Manneen barnootaa kanneen deebisanii ijaaruuf Birriin biiliyoonni 7 kan barbaachisu ta’uu eerameera.

Bara barnootaa 2015 sababa rakkoo nageenyaan daa’immaan kumni 50 ol barnootaan ala ta’uu isaanii Hogganaan Biiroo Barnoota naannichaa Obbo Biiniyaam Mangashaan dubbataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.