Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Beenishaanguul Gumuuzitti barnoonni afaan dhaloota Afaan Oromoon laatamaa jiru, lammiileen afaan isaaniin akka barataniif carraa kan uumedha – Dooktar Alamuu Simee

Finfinnee, Gurraandhala 2, 2013 (FBC) – Naannoo Beenishaanguul Gumuuziitti barnoonni afaan dhaloota Afaan Oromoon laatamaa jiru, lammiileen afaan isaaniin akka barataniif carraa kan uume tahu Hogganaan Damee Paartilee Siyaasaa fi Waldaalee Hawaasaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Dooktar Alamuu Simee himan.
Hogganaan Damee Paartilee Siyaasaa fi Waldaalee Hawaasaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Dooktar Alamuu Simee hooggantoota olaanoo naannichaa waliin manneen barnoota Afaan Oromoo itti laatamuu keessaa Mana Barumsaa Sadarkaa 1ffaa magaalaa Asoosaatti argamuun haala kenniinsa barnootaa daawwataniiru.
Dooktar Alamuu Simee wayita kana Naannoo Beenishaanguul Gumuuzitti barnoonni afaan dhaloota Afaan Oromoon laatamaa jiru, lammiileen afaan isaaniin akka barataniif mirga isaanii kan mirkaneesse tahuu ibsaniiru.
Lammiileen afaan dhalootaa isaaniin akka barataniif carraa uumuurra darbee, sabdaneessummaa gochaan kan agarsiise tahuu eeraniiru.
Daayreekatarri mana barumsaa sadarkaa 1ffaa Asoosaa obbo Yaalaw Adinaw gama isaaniin, barnoonni afaan dhalootaa Afaan oromoon bara 2012 eegaluu ibsuun, bara barnoota qabametti barattoota kutaa 1ffaa fi 2ffaa 110 ol barnoota isaanii hordofaa jiru.
Naannoo Beenishaanguul Gumuuziittimanneen barnootaa 20 ol barnoota afaan dhalootaa Afaan Oromoon kennamaa jiraachuu ragaan Biiroo dhimmoota kominikeeshinii Mootummaa naannoo Beenishaanguul Gumuuz irraa arganne ni mul’isa.
Fuula feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa yuutyuubii keenyan nu hordofuuf fbc afaan oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.