Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Beenishaangul Gumuzitti Vaayraasiin Rootaa muudachuu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 14, 2014 (FBC) – Naannoo Beenishaangul Gumuz aanaa Sharqoollee fi Magaalaa Asoosaatti Vaayraasiin Rootaa muudachuu Biiroon Fayyaa Naannichaa beeksiiseera.
Vaayrasichi harka caalaa daa’imman kan miidhu ta’uu isaan hawaasni qulqullina dhuunfaa fi naannoo isaa sirnaan eeggachuu akka qabu biirichi hubachiiseera.
Vaayrasiin kun bara 2005 eegalee naannichatti kan muudate yoo ta’uu, hoo’inni qaamaa, hooqqisnii fi garaa kaasuun mallattoo isaa ta’uu bakka bu’aan Daayreektara bulchiinsa balaa Fayyaa hawaasaa naannichaa obbo Fiqaaduu Ayyaalew ibsaniiru.
Vaayrasichi kutaalee hawaasaa hunda kan miidhu ta’us caalmaati daa’immaan waggaa 5 gadiirratti daraan kan hammatu ta’uu obbo Fiqaaduun ibsaniiru.
Dhibichi tuttuqaan namarraa namatti kan darbu ta’uu kaasaniiru.
Yeroo ammaa vaayrasichi daa’immaan 549 irratti muul’achuu obbo Fiqaaduun eeraniiru.
Wayita daa’immanirratti mallattoon dhibichaa muul’ate saffisan gara dhaabbilee fayyaa deemuun murteessaa ta’uu hubachiisuu isaanii ragaan Dhaabbata Miidiyaa naannichaarraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.