Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Amaarratti boora’uu nageenyaa mudate furuuf mootummaan kutannoon hojjeta-TKM

Finfinnee, Adoolessa 29, 2015 (FBC)-Naannoo Amaaraatti boora’uu nageenyaa mudatee furuuf mootummaan kutannoon kan hojjetu ta’uu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksise.

Ajajni Qajeelcha Waliigalaa Yeroo Ariifachiisaa qaamolee rakkoo nageenyaa Naannoo Amaaratti mudate babal’isanii fi gochicha keessaa harka qaban hojii to’annoo jala oolchuu eegaluu himameera.

Ministirri Tajaajilichaa Dooktar Laggasaa Tulluun haala yeroo ilaalchisee ibsa miidiyaaleef kennaniiru.

Ibsa isaaniin, qaamoleen hidhataanii naannolee gargaraatti socho’aa jiran keessumaa naanoo Beenishaangul Gumuzii fi Gamaabeellaa, karra nagaa banamee fayyadamuun gara naagaattii dhufuun naannolee kanneeniitti nageenyi mirkanaa’aa dhufuu kaasaniiru.

Wayita walitti bu’iinsa Kutaa kaabaa biyyatti mudate keessatti Ummanni Naannoo Amaaraa fi Afaar saaxilamtoota walitti bu’iinsichaa ta’uun meeshaaleen waraanaa garagaraa hawaasaa keessa galanii turuu yaadachiisaniiru.

Haaluma kanaan, hojiilee hidhattoota naannichaa gara jireenyaa idileetti deebisuu, kaan ammoo caasaalee nageenyaatti makuu bal’aa hojjetamaniin, bu’aaleen galmaa’uuu fi nageeyi umaamaa dhufuu himaniiru.

Ta’us, qaamoleen seeraan alaa gurmaa’anii fi seeraan alaa hidhatan gochaalee ajjeechaa, saamichaa fi hookkara garaagaraa gaggeessaa turuu eeraniiru.

Gareewwan saamichaa gurmaa’anis hoggantootaa olaanoo, qaamolee nageenyaarratti xiyyeeffatee ajjeechaa raawwachuu yaadachiisuun, baatiiwan lamaan darban yakkichi dabalaa dhufuu kaasan.

Mootummaan nagaaf dursa akka kennaan, seeraa akka hordofaan waamicha taasisaa turuun kan himan Dooktar Laggasaan, gareen fiinxaaleyyii kunis haleellaa raawwachaa jiraniin sochiin naannichaa miidhamaa dhufuun, gaaffii mootummaa naannichaaraa dhiyaateen Manni Maree Ministirootaa Labsiin yeroo ariifachiisaa akka labsamuu murteessu ibsaniiru.

Ajaja Qajeelcha Waliigalaa Yeroo Ariifachiisaa hundaa’ee sochii eegalameen, rakkoo mudate kanneen babalisan, ajaja kan kennan, qaamolee djhimmicha keessatti hirmaatan hojii to’annoo jala oolchuu eegaluu himaniiru.

Fuldurattis hojiilee hojjetamaa jiran ummataaf kan beeksisu ta’uu akeekan.

Ummanni Naannoo Amaaraa gareewwan saamichaa “Jawusaa” duula maqa balleessii, saamichaa balaa gaggeessuun naannicha gara kufaatiitti geessaa jiran balaaleffachuun tarkaanfiiwwan qaamoleen nageenyaa, nageenyaa naannichaa mirkaneessuuf fudhataniif tumsa barbaachisaa akka taasisan gaafataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.