Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Amaaraatti waltajjiin uummataa gaggeeffamuu eegale

Finfinnee, Bitootessa 14, 2014 (FBC) – Naannoo Amaaraa magaaloota Baahiir Daarii fi Goondaritti waltajjiin uummataa gaggeeffamuu eegaleera.

Waltajjichi murtoo fi kallattii Paartii Badhaadhinaarratti xiyyeeffate gaggeeffamaati kan jiru.

Waltajjicharratti Preezdaantiin Naannoo Amaaraa Dooktar Yiliqaal Kaffalaa, Itti gaafatamaan Paartii Badhaadhinaa damee Oromiyaa obbo Fiqaaduu Tasammaa fi hoggantoonni hojii mootummaa olaanoo biroon argamaniiru.

Akkasuma haawasni naannichaa hirmaataniiru.

Kaayyoon waltajjii kanaa gaaffii ummataa dhaggeeffachuu fi dhimmoota ijoo murtoo Yaa’ii Paartii Badhaadhinaa ummataaf iftoomina uumuu ta’uu ibsameera.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.