Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Amaaraatti seera kabachiisuuf sochiilee taasifaman Ummanni akka tumsu gaafatame

Finfinnee Adoolessa 26, 2015 (FBC)- Qaamoleen nageenyaa naannichatti olaantummaa seera kabachiisuuf akkuma sochii taasisan Ummanni naannichaas tumsa baratame akka agarsiisuuf Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Amaaraa Doktar Yiliqaal Kaffaalee waamicha dhiyeessaniiru.

Doktar Yiliqaal Kaffaaleen haalaa nageenyaa naannichaa ilaalchisuun har’a miidiyaaleef ibsa kennaniiru.

Ibsa isaaniin seera kabachiisuun itti gaafatamummaa mootummaa ta’uu himaniiru.

Naannawaalee naannichaa tokko tokkotti qaamoleen nageenya ummataa booressuu fi daandii cufuun rakkoo uuman, misooma fi tokkummaa ummataa naannichaa miidhaa waan jiraniif gochuu isaaniirraa of qusachuu qabu jedhaniiru.

Raayyaan ittisa biyyaa seeraa kabachiisuuf wayita naannawaa garagaraatti wayita sochii taasisu shiroonni irratti raawwataman dhaabbachuu qabba qaban eeruun ummannii naannichaa marti raayyichaad deeggarsa taasisuun tumsa baratame akka argisiisu waamicha dhiyeessaniiru.

Keessumaa raayyaa ittisa biyyaa ilma sabaa ta’e maqaa balleessuun sirrii akka hintaane ummanni hubachuu qaba jechuu isaanii TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.