Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Amaaraatti Sagantaan Eegalchiisa Ashaaraa magariisaa gaggeeffame

Finfinnee, Waxabajjii 20, 2016 (FBC) –Naannoo Amaaraatti sagantaan eegalchiisa Ashaaraa magariisaa Boqonnaa 2ffaa Marsaa 2ffaa Magaalaa Baahir Daaritti gaggeeffame.

Saganticharratti Pireezidaantii Naannoo Amaaraa Obbo Araggaa Kabbadaa dabalatee qondaaltoonni olaanoo naannichaa biroon argamaniiru.

Naannichatti sagantaa Ashaaraa magariisaa bara kanaan biqiltuuwwan gosa garaagaraa biiliyoona 1.7 dhaabuuf karoorfamuun ibsameera.

Waggoottan shanan darban biqiltuun biiliyoonni 5 ol dhaabamuun eerameera.

Dassalanyi Biraarratu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.