Naannoo Amaaraatti sagantaan Ashaaraa magariisaa boqonnaa 2ffaa jalqabsiisuu gaggeeffame
Finfinnee, Waxabajjii 10, 2015 (FBC) – Naannoo Amaaraatti waggootaan darban sagantaa Ashaaraa Magariisaan Biqiltuuwwan biiliyoonni 6 ol dhaabbachuu Biiroon Qonnaa naannichaa beeksiiseera.
Sagantaan jalqabiisaa Ashaaraa Magariisaa boqonnaa 2ffaa har’a Magaalaa Bahir Daaritti gaggeeffameera.
Sagantichi mata duree ‘Egeree keenya har’a haa dhaabnu’ jedhuun sadarkaa biyyaalessaatti eegalamuun kan yaadatamuudha.
Waggoottaan darban biqiltuuwwan biiliyoonni 6.5 qophaa’ee biiliyoonni 6 ol dhaabbachuu Hogganaan Biiroo Qonnaa naannichaa Dooktar Hayilamaariyaam Kaffalaan ibsaniiru.
Uwwisni bosonaa akka naannichaatti % 14 irra ture gara % 16 ol guddachuu himaniiru.
Biqiltuuwwan dhaabatan keessaa % 25 kuduraalee fi muduraalee ta’uu dubbataniiru.
Sagantaa Ashaaraa Magariisaa boqonnaa 2ffaan ammoo biqiltuu biiliyoona 1.7 dhaabuuf qophiin taasiifamuu AMCn gabaaseera.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.