Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Amaaraatti nageenya waareessuuf ni hojjetama – Obbo Adam Faaraah

Finfinnee,Mudde 9, 2017 (FMC) – Naannoo Amaaraatti nageenya waareessuuf ummata karaa hirmaachiseen tattaaffiin kan taasiifamu ta’uu Pireezidaantii Itti Aanaan Paartii Badhaadhinaa fi Sadarkaa Itti Aanaa Ministira Muummeetti Itti Gaafatamaan Giddugala Qindeessa Ijaarsa Demokiraasii Obbo Adam Faaraahin ibsaniiru.

Naannoo Amaaraatti har’a hiriirri ummataa mata duree ‘Nageenyi Hundaaf, Hundi Nageenyaaf’ jedhuun gaggeeffameera.

Hiriirtoonni kunneen dhaadannoowwan ‘Lammiilee nagahaa ajjeesuun Amaaraa bilisoomsuun hin da’amu, Nageenya naannoo keenyaaf waardiyyaa ta’uu qabna, Waraannii fi walitti bu’iinsi’ dhaabbachuu qaba’ jedhu dhageessisaniiru.

Hiriiricha ilaalchisee Obbo Adam Faaraahiin fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniiru.

Naannichatti nageenyi akka waaru, olaantummaan seeraa akka kabajamu, finxaaleyyiin lammiilee nagaa ajjeessan seeratti akka dhiyaatanii fi waamicha nageenyaa mootummaan irra deddeebiin taasisu fudhatama akka argatu ummanni har’a hiriira bahe gaafachuu Obbo Adam Faaraahiin ergaa isaaniin kaasaniiru.

Yeroo itti aanu naannoo Amaaraatti nageenya waareessuuf ummata hirmaachisuun tattaaffii cimaan kan ni taasiifamu ta’uu eeraniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.