Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Amaaraatti nageenya waaraa mirkaneessuuf qindoominaan hojjetamaa jira – Obbo Araggaa Kabbaddaa

Finfinnee, Sadaasa 13, 2016 (FBC) – Naannoo Amaaraatti nageenya waaraa mirkaneessuuf qindoominaan hojjetamaa jiraachuu Pireezidaantiin naannichaa Obbo Araggaa Kabbaddaan ibsaniiru.

Qaamoleen nageenyaa hawaasa waliin qidoominaa hojjechaa jiru jedhan.

Magaalaa Bahir Daaritti kutaalee hawaasaa garaagaraa waliin haala waqtaawaarratti mari’atamaa jira.

Walitti bu’iinsi naannichatti mudate bu’uuraalee misoomaa fi diinagdee naannichaarra miidhaa qaqqabsiisuu Obbo Araggaan ibsaniiru.

Naannichatti nageenyaa fi tasgabbii mirkaneessuun qooda qaama hundaa ta’uu ibsaniiru.

Naannichatti nageenya waaraa mirkaneessuuf Raayyaan Ittisaa, Qaamoleen Nageenyaa fi hawaasni qindoominaan hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.

Qaamoleen maqaa gaarii Raayyaa Ittisaa xureessuuf olola tamsaasaa jiran gochicharraa of qusachuu akka qaban hubachiisuu Ragaan BKA irraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.