Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Amaaraatti mootummaan Federaalaa olaantummaa seeraa akka kabachiisu gaafatame

Finfinnee, Adoolessa 27, 2015 (FBC) –Naannoo Amaaraatti rakkoo nageenyaa mudate hojmaata seera kabachiisuu idileen to’achuun rakkisaa ta’uu isaan mootummaan Federaalaa tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachiisuu barbaachisaa ta’e akka fudhatu mootummaan naannichaa gaafate.

Naannichatti rakkoon nageenyaa mudate miidhaa namoomaa, hawaasummaa fi diinagdee olaanaa qaqqabsiisaa jiraachuu mootummaa naaannoo Amaaraa beeksiseera.

Rakkoo uumame to’achuuf qaamoleen nageenyaa naannoo fi federaalaa hojiilee hedduu hojjechaa turuu ibseera.

Yaa ta’uutii halleellaa lammiilee nagaarratti raawwatu saffisaan dhaabuuf mootummaan federaalaa adeemsa olaantummaa seeraa kabachiisuu idilee dabalataan akkaataa heera mootummaan tarkaanfii barbaachisaa ta’e akka fudhatu mootummaan naannichaa gaafachuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo:
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.