Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Amaaraatti lammiilee miiliyoona 11.3 oliif deeggarsi nyaata kan isaan barbaachisu ta’uu ibsame

Finfinnee, Gurraandhala 28, 2014 (FBC) –Naannoo Amaaraatti lammiileen miiliyoona 11.3 ol deeggarsa nyaataa akka isaan barbaachisu Komishiniin Wabii Nyaataa fi Ittisa Balaa Naannichaa beeksiseera.

Lammiilee sababa garee shororkeessaa ABUT’n qe’ee isaanirraa buqqa’an gara qe’eesaaniitti hojiin deebisuu cimee hojjetamaa jiraachuu Komishinii Wabii Nyaataa fi Ittisa Balaa Naannichaatti daayreektarrii hariiroo Uummataa obbo Iyaasuu Masfin himaniiru.

Lammiilee bakkeewwan garagaraa irraa buqqa’an miiliyoona 11.3 ol deeggarsa nyaataa akka isaan barbaachisu himaniiru.

Lammiileen kunneeniif baatii tokko qofaa keessatti nyaanni kuntaala miiliyoona 1.2 ol akka barbaachisus himaniiru.

Deeggarsa taasifamu keessaa %70 Mootummaan Federaalaa dhiyaachaa kan jiru yoo ta’u % 30 immoo Mootummaa Naannichaatu dhiyeessaa jira jedhaniiru.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.