Naannoo Amaaraatti hojiilee misoomaaf haalli mijataan uumamuu Obbo Adam Faaraahi ibsan
Finfinnee, Ebla 25, 2016 (FBC) –Naannoo Amaaraatti nageenyi waaraa argamaa jiraachuu hordofee hojiilee misoomaaf haalli mijataan uumamuu Sadarkaa Itti Aanaa Ministira Muummeetti Itti Gaafatamaan Giddugala Qindeessa ijaarsa Sirna Diimookiraasii Obbo Adam Faaraahi ibsan.
Jilli Itti Aanaa Ministira Muummee Obbo Tamasgeen Xirunaa fi Sadarkaa Itti Aanaa Ministira Muummeetti Itti Gaafatamaa Giddugala Qindeessa ijaarsa Sirna Diimookiraasii Obbo Adam Faaraahiin durfamu naannoo Amaaraatti hojiilee misoomaa garaagaraa daawwateera.
Naannoo Amaaraatti haalli nageenyaa fooyya’aa dhufuun hojiilee misoomaa hawaasa naannichaa fayyadamoo taasiisan hojjechuuf haalli mijataan uumamuu Obbo Adam Faaraahi ibsaniiru.
Hoggansi naannichaa sadarkaan jiru nageenya waaressaa hojiilee misoomaa murannoon hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.
Hojiileen misooma beelladaa, Piroojektoonni, Indaastiriiwwan, Warshaaleenii fi sagantaaleen maaddii guutuu hojjetamaa jiran daraan jajjabeessaa ta’uu dubbachuu isaanii AMCn gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia