Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Amaaraatti fooyyessi sa’aatii taasifame

Finfinnee, Onkololeessa 11, 2016 (FBC)-Naannoo Amaaraatti nageenyi mirkanaa’aa dhufuurraan daangessi sa’aatii kaa’amee ture fooyyeffamuu Komaandi Postiin beeksise.

Hogganaan Biiroo Kominikeeshinii naannichaa fi Miseensi Komaandi Postii Dooktar Mangashaa Faantaahuun ibsa kennaniin, Naannoo Amaaraatti rakkoo nageenyaa mudate hordofee daangessi sa’aatii labsamee turuu yaadachiisaniiru.

Sadarkaa hundatti hoggansa haaraa diriirsuun akka danda’ame kan himan Dooktar Mangashaan, ummannis fedhii fi kutannoo nageenyaaf qabu agarsiiseera jedhan.

Qonnaan bulaan oomisha sassaabuuf, daldaltoonni nagaan akka hojjataniif nageenyi barbaachisaa ta’uus eeranii, yeroo ammaa iddoolee hiixuu ta’an tokko tokkoorraan kan naannwaa hundaatti sochiin idilee itti fufee jiraachuu dubbataniiru.

Tarkaanfiilee nageenyaa mirkaneessuuf fudhatamaa jiran hordofee fooyya’iinsa nageenyaa waan mul’ateefis dangessi sa’atii fooyyeffamuu kasniiru.

Haaluma kanaan magaalaa Baahirdaarii, Goondarii fi Dabra Birhaanitti duraan sa’aatii 2:00 ture gara sa’aatii 3:00’tti fooyyeffamuun himameera.

Fuuldurattis fooyya’iinsa nageenya magaalotaatti mul’atu giddugaleeffachuun fooyya’iinsi ni taasifama jedhameera.

Dajanuu Gonfaatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.